About Xiiloogaafi Waaltina Afaanii
Koorsiin kun koorsii xiinooqa hawwaasummaati. Hawaasa tokko keessatti afaan haala kamiin faayidaa kennuu akka qabu, afaan sadarkaa maalii akka qabaachuu qabu, dhimmoota waaltina afaanii wajjin walitti dhufeenya qaban maraa kallattii karooraan walitti fidee kan ilaalludha. Kanaaf, akka waliigalaatti, koorsii kana keessatti qabiyyeewwan siif dhiyaatan karoora afaaniifi waaltina afaanii wajjin walitti dhufeenya qabu jedhamanii kan yaadamaniidha. Koorsichi kutaalee adda addaatti qoqqoodame kan siif dhiyaate yoo ta’u tokko tokkoon isaa mata dureewwaan hedduu kan shaakalawwan yookaan gochawwan yaalii kee barbaadan kan of keessatti qabatedha.