By Mr. Feyisa Adugna; Course Code: (AFOL3093Koorsiin kun dhimmoolee barnoota afaanii keessatti hedduu barbaachisoo ta’an qabatee siif dhiyaateera. Xiyyeeffannoon koorsichaa inni ijoo dhimma ijaarsa galmee jechootaati. Leksikoografiin saayinsii ijaarsa galmee jechoota ilaallatudha. Kanaafuu, koorsii kana keessatti, maalummaan yookiin ibsi /hiikni leksikoograafii, adeemsii ijaarsasaa, ulaagaaleesaa kaa’amanii jiran,yaadiddamoonisaa maal akka fakkaatu hanga tokko ibsuun yaalameera. Kana malees, faayidaa galmee jechootaafi qeeqni jechootaa, akkaataatti dhiyeenyisaanii raawwatames hanga tokko agarsiisuuf yaalameera.