First time to EOPCW?

Course Descrpiton


Course Name:Diraamaa(Drama) # By Mr. Feyisa Adugna; Course Code: AFOL-3082

Koorsiin ‘Diraamaa’ jedhu kun koorsiiwwan ogbarruu keessaa isa tokkodha. Koorsiin kun yaadrimee diraamaafi qabxiilee isaan walqabatan ilaalchisee barattootaaf hubannoo bal’aa kennuu bira darbee, dandeettii barattoonni gama kanaan qaban akka cimsutu abdatama. Kaayyoon kennama koorsii kanaa, inni bu’uuraa, barattoota addunyaa hojii kalaqaa waliin walbarsiisuun barattoonni waa’ee naannoofi addunyaa keessa jiraatanii caalmaatti akka hubataniifi dabarsanii hawaasa biroollee akka barsiisan taasisudha. Hojii kalaqaa kanaan barattoonni yookiin dubbistoonni ogbarruu barreeffamaa dandeettiiwwan afaanii horachuu cinatti, dandeettii xinqooqaa biroollee akka cimsataa deeman nitaasisa. Haaluma kanaan barattoonni dandeettii kalaqaa cimsachuun seenaa, duudhaa, falaasama, aadaa, siyaasa, jiruufi jireenya hawaasaa, diraamaanis ifa godhee waan agarsiisuuf, kallattii hundaatiin beekumsa horatanii waa’ee addunyaa dhugaa keessa jiraatanii irratti hubannoo fooyya’aafi giddugaleessawaa akka qabaataniif gargaara.



View Details Download (558)